Hoggantuun Waajjira Ministira Muummee fi Ministirri Dhimma Kaabinee Alamtsahaay Phaawuloos sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii waliin walqabatee haalaan hojiirra oolaa jira jedhaniiru.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) gaara Eekkaa irratti hojjettoota Waajjira Ministira Muummee waliin biqiltuu Ashaaraa Magariisaa dhaabaniiru.
Sagantaan dhaabbii biqiiltuu kun naannoo kanaan dura hojii kunuunsa biyyee fi bishaaniitiif ramadame irrattis raawwatameera.
Hoggantuun Waajjira Ministira Muummee fi Ministirri Dhimma Kaabinee Alamtsahaay Phaawuloos, erga guyyaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) ifatti eegalchiisaniitii as lammiileen hedduun hirmaachaa jiraachuu eeran.

Hojjettoonni fi hoggansi Waajjira Ministira Muummee saganticharrattis hirmaachaa akka jiran hubachiisaniiru.
Kanaanis biqiltuuwwan kuma 100 dhaabuuf karoora akka qaban hojjettoonni waajjirichaa ibsaniiru.
Sagantaa kanarratti kan hirmaatan Ministirri Qonnaa Girmaa Amantee (PhD), Ashaaraan Magariisaa bara kanaa hojiiwwan kunuunsa biyyee fi bishaanii ganna keessa raawwatamu waliin haalaan walitti dhufeenya qabaachuusaa dubbataniiru.