Embaasichi Ministirri dhimma alaa Geediyoon Ximootiwoos (PhD) fi Itti Aantuun Pirezidaantii Kolombiyaa Firaansiiyaa Markuweez baka argamanitti banameera.
Embaasiin kun banamuun isaa hariiroo biyyoota lamaanii cimsuu fi tumsa dippilomaasii biyyoota lamaanii guddisuuf tarkaanfii guddaa ta’uu odeeffannoon Ministeerri Dhimma Alaa irraa aragamee ni mul’sa.
Kolombiyaan kanaan dura bara 1967tti Embaasii ishee Finfinneetti bantee kan turte yoo ta’u Embaasiichi bara 1974 irraa eegalee cufamuun isaa ni beekkama.
Itoophiyaa fi Kolombiyaan bara 1949 irraa eegalee hariiroo dippilomaasii yeroo dheeraa qabu.