Tapha eeggama Arsenaalii fi Atileetikoo Maadriid
***************************
Jaalattoota hedduu kan qabu dorgommiin waancaa Shaampiyons Liigii Awuroppaa taphoota sadrkaa Liigii marsaa 3ffaa har'a galgala sa'aatii 1:45n irraa eegaluun keessumeessa.
Haaluma kanaan galgala sa'aatii 1:45n irraa eegaluun Baarseloonaan dirree isaa irratti kilaba Giriis Olompiyaakoos wajjiin taphata.
Taphni eeggamaan galgala kanaa ammoo galgala sa'aatii 4 irraa eegaluun Istaadiyeemii Emireetis irratti Arsenaal Atileetikoo Maadrid waliin morkachiisa.
Taphni garee lamaanii xiyyeeffannaa addaa akka argatu kan godhe ammoo gareen lachuu tooftaa tapha ittisa irratti fuullefate hordofuu isaaniin har'a hoo tooftaa taphaa kam fayyadamu kan jedhuudha.
Piriimiyeer Liigii Ingilaand garaa garummaa qabxii sadiin dursaa kan jiru Arsenaal, taphoota 11 irratti goolii sadi qofa keessummeessun Liigoota Awuroppa shanaan keessaa garee sarara cima qabu ta'uu isaa agarsiiseera.

Waggoota hedduu darbaniif akka Awuroppaatti garee sarara cima qabu ijaaruu kan danda'e leenjisaan Atileetikoo Maadriid Diyaagoo Simoonen bara kana garuu taphoota 9 irratti goolii 10n keessummeessuun dadhabina agarsiiseera.
Arsenaalii fi Atileetikoo Maadriid cimina sarara ittisaa irratti qabaniin walfakkatuun ala kubbaa dhaabbate irraa goolii galchuu itti beeku.
Kara biraatiin ammoo waggoota 12f Daareektara Ispoortii Atileetikoo Maadriid ta'uun kilabichi waancaa hedduu akka injifatu kan gargaaran Andiree Beertan yeroo jalqabaatiif Arsenaal hogganaa faallaa kilaba isanii durii ta'anii taphatu.
Arsenalii fi Atileetikoo Maadriid Shaampiyoons Liigii Awurooppaan yoo walitti dhufan kan har'aa kun yeroo jalqabaatiif ta'us kilaboonni lamaan bara 2016/17tti Liigii Awurooppaa walakkaa xumuraan walitti dhufuun Atileetikoo Maadriid tapha dhaqaa galaatiin 2 fi 1n injifate ture.
Haa ta'u malee Atileetikoo Maadriid riikkardiin kilaboota Ingilaand waliin qabu dadhabaadha.
Kilabichi taphoota sagal gara Ingilaand dhufuun taphate keessa tokko qofa injifate.
Faallaa isaatiin ammoo Arsenaal taphoota jaha kilaboota Ispeen waliin taphatee walitti aansee injifachuudhaan riikkardii addaa kan qabu yoo ta'u, yeroma dhihootii Atileetikoo Biilbaawoo fi Riyaal Maadriid injifachuun isaa kan yaadatamuudha.
Qabxii sadi argachuuf Emireetis dhufne kan jedhu leenjisaan “Atileetikoo Maadriid Diyaagoo Simoonen hojiin Arteettan Arsenaal keessatti hojjechaa jiru kan addaati gareen kun garee koo bara 2014tti Shaampiyoonii Laaligaa ta'een wanta walfakkatu heddu qaba” jedheera.

Taphataan sarara fuulduraa Atileetikoo Maadriid Huliyaan Alvaareez ammoo yeroo kanatti garee kamuu hin sodaannu gahumsa garee kamuu injifachuu qabna jedheera.
Diyaagoo Simoonen waggoota 14n darbanitti Atileetikoo Maadriid garee cima godhee ijaareera kan jedhe leenjisaan Arsenaal Miikeel Arteettaa, leenjisichi otoo Ingilaand dhufee caalatti milkaha jedheera.
Shaampiyoons Liigii Awuroppaa bara kanaan Arsenaal taphoota Atileetikoo Biilbaawoo fi Oliyompiyaakoos waliin taphate kan injifate yoo ta'u, Atileetikoo Maadrid ammoo Liivarpuulin moo'amuun Eyintrakt Firaakfurt injifatee jira.

Baayerleeverkusen PSG waliin, Niiwkastil Yuunaayitid Benefikaa waliin, PSVn Naappoolii waliin, Viyaariyaal Maanchistar Siitii waliin, Kooppenhaagan Borushiyaa Doortumand walii fi Uniyeen Seenti Gaaluwoos Intermiilan waliin taphootaa biroo galgala sa'aatii 4tti eegalaniidha.
Nuuroo Amaanootu gabaase