Teknooloojiin hubannoo namtolchee (AI) har’a addunyaa irratti haala hojii, barnoota fi tajaajila hawaasaa saffisaan jijjiiraa jira.
Biyyoota guddachaa jiraniifis carraa bal’aa uumuun, rakkoolee yeroo dheeraa furuuf humna guddaa qaba.
Haaluma kanaan, Mootummaan Ida’amuu ergama teeknooloojii ammayyaa addunyaan bira geesseefi gahuuf jirtu guddina dinagdee fi hawaasummaaf oolchuuf hojjechaa jira. Keessattuu, Hubannoo Namtolchee (Artificial Intelligence – AI) akka teeknooloojii furtuutti ilaaluun xiyyeeffannoo guddaa kenneefii irratti hojjechaa jira.
Itoophiyaan mul’ata Afrikaa keessatti damee hubannoo namtolcheetiin adda duree ta’uuf qabdu dhugoomsuuf, Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itoophiyaa hundeessuun ishee boqonnaa seenaa guddaadha. Inistiitiyuutichi damee qonnaa, fayyaa, faayinaansii fi nageenyaa irratti furmaatawwan teeknooloojii biyya keessaa misoomsuun jijjiirama qabatamaa fidaa jira.
Milkaa’ina kana itti fufiinsaan mirkaneessuufi damee kana beekumsa gadi fageenya qabuun hoogganuuf immoo, Yuunivarsiitii Hubannoo Namtolchee of danda’e hundeessuuf jalqabbii eegalamuun ishee, Itoophiyaan teeknooloojii kan fayyadamtu qofa osoo hin taane, biyya teeknooloojii maddisiiftu taatee dhaabbachuuf kutannoo qabdu agarsiisa.
Imalli Itoophiyaan hubannoo namtolcheefi teeknooloojii dijitaalaatiin jalqabde tajaajila fayyaa ammayyaa, haqa-qabeessaafi bu’a-qabeessa taasisuuf carraa bal’aa baneera.
Tattaaffiin Itoophiyaan hubannoo namtolcheefi teeknooloojii dijitaalaatiin taasiftu, dhaloota teeknooloojii uumuun biyya badhaate ijaaruuf bu’uura cimaa kaa’aa jira. Kunis, Itoophiyaan dorgommii teeknooloojii addunyaa keessatti qooda fudhachuu qofa osoo hin taane, furmaata mataa ishee maddisiisuun Afrikaaf fakkeenya ta’uuf qophii ta’uu ishee kan mirkaneessuudha.