Itoophiyaan jijjiirama teeknooloojii fi guddina dinagdee saffisaa keessa jirtu kanatti, badhaadhina biyyaaleessaa fi ol’aantummaa guutuu mirkaneessuuf dandeettiin teeknooloojii meeshaa ijoo ta'eera.
Waggoota shan darban tarsiimoon "Dijitaala Itoophiyaa 2025" kaayyoo isaa galmaan gahuudhaan, biyyattii gara beekumsa teeknooloojiitti ceesiseera.
Kana hordofuun Itoophiyaa Afrikaa keessatti ijaa fi gaggeessituu dijitaalaa taasisuuf tarsiimoon "Dijitaala Itoophiyaa 2030" hojii irra ooleera.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) akka ibsanitti, teeknooloojiin dijitaalaa jireenya lammiilee fooyyessuu cinaatti, iftoomina uumuu, hojii harkifata hambisuu fi malaammaltummaa hir'isuun amantaa mootummaa fi hawaasa gidduu jiru cimsa.
Tarsiimoon haaraan kun Yaada Nam-tolcheetiif (AI) xiyyeeffannoo guddaa kennuun, damee fayyaa, barnoota, qonnaa fi indastirii keessatti akka hojii irra oolu taasisa.
Milkaahinoonni akka Eenyummeessa Dijiitaalaa (Fayda), Tajaajila Masoob fi sirna kaffaltii dijitaalaa imaammata kana dhugoomsaa jiru.
Dijitaala Itoophiyaa 2030 dandeettii kalaqa dargaggootaa fayyadamuun Itoophiyaa bara 2030tti Afrikaa keessatti dorgomtuu fi badhaatuu taasisuuf sochii biyyaaleessaa murteessaadha.
Haannaa Haabtaamuutu qindeesse