Barbaaduu

Ugaandaan karaa Keeniyaa Ulaa Galaanaa mataa ishee akka argattu nan mirkaneessa - Pirezidaant Wiiliyaam Ruutoo

Nov 26, 2025

Ugaandaan karaa Keeniyaa Ulaa Galaanaa akka argattu nan mirkaneessa - Pirezidaant Wiiliyaam Ruutoo

***************************

Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo, yaaddoo waldhabdee dippilomaasii Keeniyaa fi Ugaandaa gidduutti ulaa galaanaa Indiyaatti baasuun wal qabatee uummamuu mala jedhamee ture fashaleessaniiru.

Dhiheenya kana Ulaa Galaanaa kana ilaalchisee yaada kan dhiheessan Pirezidaantiin Ugaandaa Yoweerii Muuseeveenii,  biyyi isaanii waggoota 100f Ulaa Galaanaa biyya ollaa irratti hirkattee turuun ishee, dinagdee ishee irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jira  jedhan.

Hirkattummaan kun ammoo dhimma nageenya naannichaa tasgabbii dhabsiisuu danda’u ta’aa dhufaa jiraachuu dubbataniiru.

Ugaandaan rakkoo kana irra aanuuf Ulaa Galaanaa mataa ishee gara Galaana Idiyaatti geessu argachuu akka qabduu fi kanaaf ammoo Keeniyaa irraa deebii gaarii akka eegdu pirezidaantichi eeraniiru.

Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo Sadaasa 15, 2018 Pirezidaantii Ugaandaa waliin wayita wal argan, dhimmichi akkaataa duudhaa obbolummaa Afrikaatiin furmaata kan argatu ibsuudhaan yaada gaarii kennaniiru.

Pirezdaant Wiiliyaam Ruutoo sirna jalqabsiisa warshaa Sibiilaa Deevkii jedhamu Ugaandaa, Toroorootti jalqabsiifame irratti wayita dubbatan, Ugaandaan karaa Keeniyaa Ulaa Galaanaa Garba Indiyaatti ishee baasu argachuuf walitti bu'iins hinbarbaachisu jedhan. 

Biyyoonni lamaan daldalaa fi misooma bu’uuraaleetiin  tumsa cimaa qabaachuu  fi tumsa kana ammoo sadarkaa caalutti guddisuuf  biyyi isaanii qophii ta’uu waadaa galuudhaan mirkaneessaniiru.

''Ugaandaa fi Keeniyaan obboleewwan waan ta'aniif tumsaaf malee waan ija hamneenyaatiin wal ilaaluuf yeroo hinqabani" jechuudhaan Ugaandaan karaa Keeniyaa Ulaa Galaanaa akka argattu biyyi isaanii hayyamuuf fedhii akka qabdu Ruutoon mirkaneessaniiru.

Keeniyaan ujummoo boba’aa qofa otoo hin taane, daandii kKonkolaataa fi daandii Baaburaa babal’isuuf haalaan hojjechaa kan jirtu, naannichi tokko ta'ee waliin misoomuu qaba jettee waan amantuuf jedhan pirezidaan Wiiliyaam Ruutoo.

Torban dhufu pirojektii daandii babal’isuu Buufata Doonii Mombaasaa dhiheenya naannoo Naayiroobiitti argamtu irraa gara Maalaabaa, kan Ugaandaa fi Keeniyaa waliin wal daangessutti akka jalqabsiisan himaniiru.

Daandiin saffisaa kun babal’achuun isaa, imala gara Buufata Doonii Mombaasaa baay’ee kan saffisuu fi salphaa akka taasisu eeran.

Kunis walitti hidhamiinsa tarsiimoo biyyoota lamaaniitiif barbaachisaa ta’a jedhan.

Ujummoo boba’aa Keeniyaa fi Ugaandaa gidduutti diriirfamee fi misoomni bu’uuraalee biroo biyyoota lamaan wal qunnamsiisan, walta’iinsa mootummaa fi dhuunfaatiin akka babal’ifaman Ministiroota isaaniif qajeelfama dabaesuu isaaniis Ruutoon yaadachiisaniiru.

Biyyoonni obbolaawwan lamaan waliin guddachuuf carraan bal’aan akka jiru kan hubachiisan Pirezidaanti Wiiliyaam Ruutoo, misooma bu'uuraalee babal’isuudhaan tumsa kana guddisuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Misooma bu’uuraalee hanga daangaa Koongootti misoomsuu fi naannoo Baha Afrikaa akkasumas tumsaa fi tokkummaa ardii Afrikaa cimsuuf akka hojjetan waadaa galaniiru.

“Wanti nuti har’a hojjennu pirojeektii jalqabsiisuu qofa miti; qaama adeemsa bilisummaa Afrikaati; adeemsi kun ammoo itti fufa." kan jedhan ammoo pirezdaantii Ugaandaa Yoweerii Muuseeveeniidha.

Ulaa Galaanaa kan hinqabne Ugaandaan, qarqara galaana Indiyaa irraa gara kiiloo meetira 743 fagaattee kan argamtu yoo ta'u, galaana bira gahuuf ammoo Keeniyaa qaxxaamuruu qabdi.

Warshaan Sibiilaa doolaara miiliyoona 500n ijaarramuu fi hoggantoonni lamaan waliin ta’uun magaalaa bulchiinsaa fi daldalaa Baha Ugaandaa Torooroo keessatti jalqabsiisan kun, bara 2027 irraa eegalee waggaatti sibiilaa toonii miliyoona tokko kan omishu ta’uu, odeefdannoon Koorporeeshinii Biroodkaastiing Keeniyaa (KBC) irraa argame ni mul'isa. 

#ebc #ebcdotstream #uganda #kenya #indianocean #seaaccess