Barbaaduu

Adeemsa Komishinii Marii Biyyaalessaa

Dec 31, 2025

Marii Biyyaaleessaa, adeemsa siyaasaa hunda galeessa ta’e kan rakkoolee bu’uuraa biyya tokkoo irratti waliigalteee fiduuf yaadameedha.

 

Adeemsi Marii Biyyaaleessaa Itoophiyaa erga Komishiniin Marii Biyyaaleessaa hundeeffamee as adeemsa garaa garaa keessa darbee jira.

 

Adeemsi kun abdii guddaan kan irra kaawwame yoo ta’uu, dhimmoota biyyaalessaa kanaan dura wal dhabdee uumaa turan kanneen akka seenaa, sirna mootummaa fi eenyummaa irratti yaada waloo tokko uumuudha.

 

Kunis "Nuyi eenyu?" fi "Biyya akkamii keessa jiraachuu barbaanna?" kan jedhuuf deebii waliinii argachuuf gargaara.

 

Waliigalteee siyaasaa dhabuun yeroo baay’ee gara walitti bu'iinsa humnaatti geessa. 

 

Mariin Biyyaalessaa kun ammoo, humnoota siyaasaa adda addaa gara tokkootti fiduun, garaagarummaa jiru mariin hiikuun akka danda’amu amantaa uuma.

 

Kunis biyyattiin lolaa fi jeequmsa keessaa akka baatu abdii uuma.

 

Komishiiniin Marii Biyyaalessaa erga hojii eegalee hojiiwwan qophii fi gurmaahinsaa bal’aa raawwachaa tureera.

 

Ajandaa dhimmoota mariin irratti taasifaman sassaabuuf kutaalee hawaasaa adda addaa (barsiisota, abbootii amantii, dubartoota, dargaggootaa fi kkf) waliin marii naannolee garaa garaa keessatti gaggeesseera.

 

Naannolee fi Bulchiinsa Magaaloota keessatti, namoota marii dhumaa irratti hirmaatan filachiisuu fi ajandaa sassaabuun xumuramee gara marii guddaatti ceehuuf qophiin taasifamaa jira.

 

Komishiiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa, yeroo ammaa kana marii guddaa biyyaalessaa ta’e kana gaggeessuuf qophii gaggeessaa jira.

 

Hojiin ajandaalee qindeessuu fi qabeenya walitti qabu marii biyyaalessaa guddicha irratti dhihaatuu, fedhii hawaasaa giddugsleessa godhachuufhaan xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

 

Marii ijoo dhimmoota biyyaalessaa ijoo irratti gaggeessuun, waliigaltee biyyaalessaa uumuuf kan kaayyeffate yoo ta’u, bakka bu’oonni kuma 4 ol kan irratti hirmaatanii fi dhuma ji’a Amajjii dhufutti kan eegalamu ta'uudha kan eerame.

 

Mariin Biyyaalessaa, waltajjii uummanni itti mari’atu, irraa baratu, rakkoolee seenaa, caasaa, eenyummaa fi hawaasa keessatti uumaman furmaata kan itti argatudha.

 

Ajandaawwan Itoophiyaanota biyya keessaas ta’e biyya alaa irraa walitti qabaman adda addaa hunduu tartiibaan yaa’ii guddicha kana irratti ni dhihaatu.

 

Mariin ijoo ergamichaa erga xumuramee booda, furmaata uummanni dhiheesse hojiirra oolchuuf mootummaa fi qaamolee raawwachiiftuutti ni dhihaata.

 

Hayimaanot Kabbadaatu qindeesse