Barbaaduu

Bara Baranootaa 2018tiif Barsiisota kuma 57 oliif leenjiin kennamaa jira - Biiroo Barnoota Oromiyaa

Aug 27, 2025

Biiroon Baranoota Oromiyaa bara baranootaa 2018tiif barasiisota kuma 57 oliif leenjiin kennamaa akka jiru ibseera.
Naannoo Oromiyaatti ji’a Adoolessaa irraa jalqabee qophiin adda addaa raawatamaa akka jiru Hogganaa Itti Aanaa Biiroo Barnoota Oromiyaa Bultoosaa Hirkoo (PhD) himaniiru.
Rakkoo baranoota keessaa tokko kan ta’e rakkoo ga’umsa barsiisootaatii kan jedhan, Bultoosaa Hirkoo (PhD) kanas furuuf biirichii tarakaanfii addaa fudhachuun barsiisota sadarkaa tokkoffaa irrattii Afaan Oromoo fi herrega barsiisan kuma 57 ol ta’an leenjiisaa kan jiru ta’uu ibsani.
Hoggantichi turtii Etv Afaan Oromoo saganataa Bifa Biyyaa irratti akka ibasaniin, Bara baranootaa 2018tti daree barnootaa haaromsuu fi bakka baratoonnii itti baay'atanitti dareewan haaraa akka ijaaraman tasiifamaa jira.
Hojiilee Sadarkaa Mana Barumasaa Bu'uura Boruu irratti hojjatameen bu’uura boruu sadarakaa tokkoffaa 170 ol sadarakaa lamaffaa 22 bara ijaaramuu isaaniis himaniiru.
Rakkoolee hanqina kitaabaa waliin walqabatan furuuf hojiileen hojjatamaa akka jiran kan eeran Bultoosaa Hirkoo (PhD), bara baranoota kanatti kitaaba miliiyoona 23 maxxansuun hanqina kitaabaa hiri’isuuf hojjatamaa jiras jedhaniiru.