Jijjiiramni Itoophiyaan damee teeknooloojiin galmeessaa jirtu aadaa kenniinsa tajaajilaa fi hirmaannaa dinagdee lammiilee bu'uurarraa jijjiiruu irratti argama.
Imala jijjiiramaa biyyaalessaa kana keessatti utubaawwan cehumsa dijitaalaa guutuu taasisan gurguddoo lamatu jira.
Kan jalqabaa hojimaata malaammaltummaa fi ifaajjii tajaajila argachuu barootaaf ture kan seenaa kan taasise wiirtuu tajaajila iddoo tokkoo Masoobi.
Masoob tajaajiloota mootummaa iddoo garagaraa turan giddugala tokkotti fiduun lammiileen tajaajila teekonoolojii dijitaalaan deeggarame daqiiqaawwan muraasa keessatti akka argatan taasiseera.
Hojimaanni kunis tuttuqqaa namaa hir'isuun Amanamummaa kan mirkaneesse tahuu isaatii olitti, Yaadama mootummaan qaama tajaajilaa dhaabbateedha jedhu gochaan kan agariiseedha.
Kan lammataa immoo humna namaa sirna ammayyaa deeggaru horachuuf kan dandeessisu sagantaa Leenjii koodaroota miiliyoona Shaniiti.
Sagantaa Kanaan dargaggoonni saayinsii daataa, piroogiraamiingii, hubannoo namtolchee fi misooma Andirooyiii leenji'uurratti argamu.
Kunimmoo dargaggoonni gabaa addunyaatti dorgomaa kan taasisuu fi sirnoota teeknoolojii adda addaa biyya keessatti misoomsuuf kan dandeessisuudha.
Jalqabbiiwwan lamaan kunneen Abdii egeree Itoophiyaa boqonnaa teeknoolojii haaraatti ceesisaniidha.
Muzayyin Maammaatu qindeesse