Walgahii waggaa Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaa (World Bank) taa’amaa jiru cinaatti, Itoophiyaan marii teeknooloojii Hubannoo Nam-tolchee (AI) irratti hirmaatteetti.
Marii kana irratti Ministirri De’eetaa Mallaqaa Tigisti Fissahaa, bakka bu’oota ol’aanoo Baankii Addunyaa, IMF, Faawundeeshinii Gaatis (Gates Foundation) fi ministiroota biyyoota garaa garaa waliin yaada bu’a qabeessa jijjiiruun himameera.
Marichi biyyoonni dinagdeen isaanii guddachaa jiru ‘AI’ guddina waliigalaa fi misooma waaraatiif akkamitti fayyadamuu akka danda’an furmaata kaahuu irratti xiyyeeffate.
Aadde Tigisti akka ibsanitti, Itoophiyaan cehumsa dijitaalaa fi ‘AI tarsiimoo misooma ishee keessatti giddugaleessa gochuuf murteessiteetti.
Kanaafis akka fakkeenyaatti Inistiitiyuutii Hubannoo Nam-tolchee Itoophiyaa bara 2012 fi Yuuniivarsiitii ‘AI’ bara 2018 jalqaba irratti hundeeffaman eeraniiru.
Kana malees Afrikaan odeeffannoo fi Afaanota isheetiin kan wal simatu ‘AI’ gabbisuun damichaa keessatti si’oominaan hirmaachuu akka qabdu dubbatniiru.
Biyyattiinis qooda fudhattoota misoomaa waliin hojjechuuf qophii ta'uu ibsuun, Baankii Addunyaa fi dhaabbileen michootaa akka deeggaran waamicha dhiheessaniiru.