Jilli Pirezidaantii Itti Aanaa MNO, Obbo Awwaluu Abdiin durfamu Warshaa Sukkaara Finca'aa daawwataniiru.
Jilli kun hojii misooma shankooraa fi qophii taasifamaa jiru ilaaleera.
Warshaan Sukkaara Finca'aa, badhaadhina biyyaa akka dhugoomsuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jira kan jedhan Obbo Awwaluun, warshichi bara omishaa 2018 kanatti sukkaara kuntaala Mil. 1.2 ol omishuuf karoorfatee hojjachaa jiraachuus ibsaniiru.
Kunis sochii dinagdee naannoo fi biyyaa utubuu keessatti shoora olaanaa qabaachu ibsanii jiru.
Jilli Pirezidaantii Itti Aanaa MNO, Obbo Awwaluu Abdiin durfamu, kun sochiilee misoomaa godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa daawwatera.