Barbaaduu

Chaayinaan injifannoo Waraana addunyaa 2ffaa waggaa 80ffaa agarsiisota waraanaa garaa garaatiin kabajaa jirti

Sep 03, 2025

Chaayinaan ‎agarsiisicha irratti dirooniiwwan garba jalaa dabalatee teeknooloojiwwan fi miisaa'eloota haaraa guddummaa humna waraanaa ishee agarsiisan mul'isaa jirti.
‎
‎Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiinii fi hogganaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun dabalatee hoggantoonni biyyoota garaa garaa saganticha irratti hirmaataa jiru.
‎
Chaayinaan ‎waggaa 80 har'aa ture humna weeraraa Impeeriyaalistii Jaappaan kan injifatte.
‎
‎Waraanni addunyaa 2ffaa Jarman Poolaand weeraruu hordofee akka eegalamedha seenan kan eeru.
‎
Yeroo sunitti humni Impeeriyaalistii Jaappaanis Chaayinaa dabalatee biyyoota Kibba Baha Eeshiyaa weeraraati kan ture.
‎
‎Humna weeraraa Jaappaan yeroo sanaa Chaayinaa fi biyyoonni Kibba Baha Eeshiyaa ofirraa qolachaati kan turan.
‎
‎Jaappaan weerara Kibba Baha Eesiyaatti raawwataa turtetti Ameerikaan danqaa akka hin taaneef jettee humna waraana galaanarraa Ameerikaa qarqara odola garba Paasifikiirraa qabduurratti haleellaa cimaa raawwatte.
‎
‎Sana hordofeeti waraana addunyaa 2ffaa keessa harka otoo hin galfatiin kan turte Ameerikaan, aarii guddaadhaan waraanichatti makamtee Jaappaan haleeluu kan eegalte.
‎
‎Boombii Niiwukilaraas yeroo jalqabaatiif fayyadamuun magaalota gurguddoo Jaappaan lamaan Hirooshimaa fi Naagaasaakii barbadeessite.
‎
‎Jaappaanis saffisa ol'aanaadhaan injifatamtee mana isheetti deebite.
‎
‎Biyyoota muraasarraa kan hafe addunyaan guutuunis humna weeraraa Jarmaniifi Jaappaan haleeluurratti waliigalee ture.
‎
‎Akkasiin Jarmanis, Jaappaanis walduraa duubaan injifatamanii waraanni addunyaa 2 ffaanis goolabame.
Ababaayyoo Kafaniitu gabaase

Yaada keessan as irratti barreessaa.

Oduu Walqabatee: