
**************************
Itoophiyaan biyya bishaaniin marfamtee jirtu, uummanni ishee garuu ulaa galaanaa dhabedha jedhu Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD).
“Uummanni Itoophiyaa waa’ee Galaana Diimaa hin dubbannu, hin kaafnu, dhimmichi yoo ka’es walitti bu’iinsaafi jedhuun seeneffama sobaatiin mirga seeraan qabu dhabee tureera.
Maarree dogoggora sana sirreessuun ammoo yeroon isaa amma” jedhan Ministirri Muummee.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD.) yeroo tokko dhimma kanarratti ibsa kennaniin, “Waldhabdee hin barbaannu, garuu waa’ee Galaana Diimaa ni kaafna” jedhanii turan.
Itoophiyaan kan aragamtuu Galaana Diimaa fi laga Abbaayi gidduutti kan jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD.), "Bishaan kun si ilaalata; bishaan kun si hin ilaalatuu jedhamuu hin qabdu; uumamnis akkas hin jedhu” jechuun ibsaniiru.

Biyyoonni naannichaa biroon gaaffii laga Abbaayii fi Galaana Diimaa irratti kaasaa kan jiran ta’ullee, Itoophiyaan dhimma Galaana Diimaa akka hin kaasne yaaliin isaan godhan haqa kan hin qabne ta’uu eeraniiru.
Biyyoota biroof laganni Abbaayi dhimma jireenya isaaniiti akka ta’e namoonii hundii ni dubbatuu kan jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD.) Itoophiyaa keessatti garu dhimmii Galaana Diimaa sadarkaa miseensota Paarlaamaatiinillee mari'achuun akka salphinaatti ilaalamaa turuun isaa akka isaan dhukkubsu ibsaniiru.
Akka Ministirri Muummee akka jedhanitti, Galaanni Diimaa fi lagani Abbaayi Itoophiyaa waliin walitti hidhamaniiru; isaanis bu'uura guddinaa yookaan badiinsa Itoophiyaati.
Kanaaf mootummaan akkuma Hidha Haaromsaa kana dhimma Galaana Diimaa irrattis mari'achuuf qophii ta'uu eeruun, mariin kun garuu haal-duree “Galaana Diimaa hin fayyadaminaa’’ kan jedhu hanga hintaanetti ta'uu ibsaniiru.
Yoonaas Baddiluutiin
#EBC #ebcdotstream #accesstothesea #redsea #ethiopia