Akkuma maqaa isaa raajii hojjechaa kan jiru Raajii Ashannaafii
*******************************

Raajii Ashannaafii dhalatee kan guddate Godina Qeellam Wallaggaa, aanaa Gidaamiitti.
Barumsa isaa hanga kutaa 8ffaatti naanoo dhaloota isaatti kan barate Raajiin, kutaa 9-12ttii ammoo Mana Barumsaa Bultii Addaa Odaatti barate.
Raajiin maatii isaa ijoollee 10 qaban keessaa mucaa saglaffaa yoo ta’u, mana isaaniitti barnoonni bu’ura jireenyati jedhamee waan amanamuuf hundi isaaniituu baratanii jiru.
Barttoota Manni Barumsaa Bultii Addaa Odaa yeroo jalqabaatiif qormaata kutaa 12ffaaf dhiheesse keessa tokko kan ta’e Raajiin, qabxii akka biyyaatti lammaffaa ta’e (647) galmeessisuun Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa seene.

Yuunivarsiitichaayiis gosa barnootaa ‘Applied Physics’ fi ‘Applied Mathematics’tiin digrii lama baratee qabxii ol’aanaadhaan xumuuree bara 2014 eebbifame.
Barumsa Yuunivarsiitii isaatiinis gosoota barnootaa 60 baratee hundaan qabxii A+ galmeessisee kan xumuure yoo ta’u, qabxiin kun akka biyyaattis isa duraa ta’ee kan galmeeffamedha.

Qabxii ol’aanaa inni galmeessisse kanaanis Yuunivarsiitiin Teekinooloojii sadarkaa idil-addunyaatti beekkamaa ta’e ‘Massachusetts Instititute of Technology’ (MIT) carraa barnoota digirii sadaffaa (PhD) kallettiin kenneef.
Raajiin ammas raajii Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti agarsiisaa ture itti fufee jira.
Barnoonoonni inni amma barachaa jiru ‘Theoretical Physic’ yoo ta’u, gosa barnootaa kanaaf jaalala guddaa akka qabu ibsa.

Gaaffiwwaan Fiiziksii Albert Inistaayin otoo hin deebisiin hafe baay’eedhaaf deebii kennuuf hojjechaa akka jirudha Raajiin kan ibsu.
Gorsaa isaa Pirofeesar Baartan Ziwibach fi namoota biroo waliin ta’uun mata dureewwan ‘Type II RR string fields and exotic diffeomorphisms’, ‘Boundary terms in string field theory’, ‘Gauge algebra and diffeomorphisms in string field theory’ jedhamaniin waraqaawwan qorannoo Jornaalota irrtti maxxansiisee jira.
Otoo gara Ameerikaatti hin imaliin dura waggaa tokkoof dhaabbata Itaaliitti argmu ‘Abdus Salam International Centre for Theoretical Physics (ICTP)’ jedhamu keesstti barumsa waggaa tokkoof baratee qabxii ol’aanaadhaan xumureera.

Raajiin mul’ata isaa gara fuulduraa yommuu ibsu, hayyuu ‘Theoretical Physics’ ta’uun gara biyya isaatti deebi’ee barattootaf carraa uumuun barbaada jedha.
Tibbana yaa'ii Giddugala Yaad-rimee Fiiziksii Idil-Addunyaa Galma UN, Niiwuyoorkitti taa'ame irratti dhihaachuun muuxannoo isaa qoodee ture.
Waltajjii kanarratti iddoo dhaloota isaatii kaasee hanga Maasaachuuseetis, Ameerikaatti bu’aa bahii keessa darebe ibsee jira.
Iddoo itti dhalaatee guddatetti meeshaaleen barnootaaf barbaachisan akka barbaadamanitti hin argaman kan jedhu Raajiin, Koompitarallee kan argate gaafa Yuunivarsiitii seene akka ta’e dubbate.
Saayinsiin uummamaa daafee bu’aa waan hin agarsiisnee fi waan ulfaatuuf namoonni baay’een akka hin filanne ibse.
Inniillee waa’ee ‘Quantum Phisycs’ kan dhagahe gaafa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa xumuuruu gahu akka ta’e eere.
Itoophiyaa keessa dhaabileen barnoota ol’aanaa ‘Theoretical Physics’ barsiisan akka hin jirre dubbachuudhaan, kunimmoo akka ‘Applied Physics’ baratu isa dirqisiisuu hime.
Yuunivarsiitii amma itti barachaa jiru keessa gurraachi isa qofa ta’uu fi dorgommiin barttoota biyyoota hundarraa dhufan waliin taasisu cimaa ta’uus dubbate.

Barattoonni biyyoota guddataniitii dhufan waa’ee saayinsii uummama ka’umsarraa waan beekaniif, dorgommiin isaan waliin taasisu cimaa ta’us, cimee hojjechuu isaatiin bu’aa qabeessa ta’uus himeera.
Raajiin jireenya isaa keessatti waantoota isatti hir’atan yaadaa duubbtti harkifamuu akka hin barbaanne ibse.
Kanaafuu amalli akkasii kunimmoo milkaahuuf cimee akka hojjetu isa taasisuu dubbate.
Lammii Taaddasaatu qindeesse