Barbaaduu

Siingaappoor – Biyya Guddina Dinagdee ajaa'ibsiisaa qabdu

Nov 25, 2025

Siingaappoor – Biyya guddina dinagdee ajaa'ibsiisaa qabdu

*********************

 

Siingaappoor maqaan ittiin waamamtu Riippaabiliika Siingaappoor kan jedhamu yoo ta’u, Odola Kibba Baha Eeshiyaa keessatti argamti; bulchiinsa magaalaatis.

Qabeenya uumamaas ta’e bishaan hinqabdu.

Haata'u malee tattaaffii uummata ishee cimaadhaan warra addunyaa irratti dinagdee jabaa qaban keessaa adda durummaan eeramti.

Siingaappoor uummata isheetiif Bishaan qulqulluu dhiheessuudhaanis maqaa gaarii qabdi.

Biyyattiin biyya dinqisiifamtuu; dhaloota tokko keessatti dinagdee galii xiqqaa irraa gara dinagdee guddaatti ceetedha.

Omishni Waliigalaa Biyya Keessa/GDPn uummta isheetiif yoo qoodamu, mata mataadhaan doolaara 100 fi kuma 56f 970 kan isaan gahu yoo ta’u, kun ammoo addunyaa irratti sadarkaa 1ffaa ta’a.

Siingaappoor biyyoota malaammaltummaa xiqqaan keessa jiru keessaa addunyaa irraa sadarkaa 3ffaa irratti argamti.

Guddina dinagdee ajaa'ibsiisaa, biyya lammiileen ishee jireenya fooyya’aa ol’aanaa qaban, siyaasa tasgabbaahaa akkasumas wiirtuu faayinaansii guddaa, daldalaa fi teeknooloojii ta'uudhaan sadarkaa idil-addunyaatti beekamti.

Siingaappoor addunyaa irratti jijjiirama ajaa’bsiisaa kan argamsiifte, imaammata dinagdee hoggantoonni biyyattii qopheessuudhaan kutannoon hojiirra oolchaniini.