Barbaaduu

"Birmadummaa fayyaa Afriikaa mirkaneessuuf biyyoonni miseensaa xiyyeeffannoo gochuu qabu"-Mahaammud Alii Yusuuf

Nov 23, 2026

  

Birmadummaa fayyaa Afriikaa mirkaneessuuf biyyoonni miseensaa damee fayyaaf xiyyeeffannoo gochuu akka qaban dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf ibsan.

Konfiraansiin Fayyaa Hawaasaa Afrikaa 5ffaan (CPHIA 2026) ministirri muummee Abiyyi Ahimad(PhD) bakka argamanitti har’a Finfinneetti eegalameera.

konfiraansiichi mata duree “Nageenyaa fi Birmadummaa Fayyaa Afrikaa; Ce’umsa Hirkattummaa fi Saaxilamummaa Fayyaa Irraa Gara Abbummaa fi Dandamannaa” jedhuun gaggeeffama.

Hoggantoonni biyyootaa, itti gaafatamtoonni olaanoo fi ogeeyyonni fayyaa hawaasaa yaa’icharratti hirmaataniiru.

Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf sirna baniinsaarratti haasaa taasisaniin, fayyaan hunda galeessi fayyadama tajaajila fayyaa hawaasaa kan ilaallatudha jedhaniiru.

Mata dureen gamtaa Afriikaa 2026 “bishaanii fi qulqullina“ irratti ta’uu dubbatanii, kunis naannawa qulqulluu, wabii nyaataa, barnootaa fi misooma dinagdee walii galaarraa akka eegalu hubachiisaniiru.


Deeggarsa walitti fufaa qooda fudhattoonni ardichaaf taasisaniif dura taa’ichi galateeffatanii, karoorasaanii dhimmoota Afriikaa dursi kennamuufiif akka wal simsiisan gaafataniiru.

konfiraansii kun Afrriikaa dhukkuba weerartoota, daddarboo fi daddarboo hin ta’iin irraa bilisa gochuuf tattaaffii Afriikaan taasiftu kan dadammaqsu ta’uu ibsaniiru