Biyyaa wal waraansa waliiniin diigamaa jirtu, biyyaa lammiilen Miiliyoonatti lakkaa'aman beelaa fi baqaaf saaxilamanitti, taphatoonni garee biyyaleessa Suudaan 11 dirree kubbaa miilarratti wanta hin danda'amne danda'aniiru.
Waancaa Chaan qopheesummaa Keeniyaa, Yugaandaa fi Taanzaniyaan dorgomamaa jiruun walakkaa xumuraaf gahaniiru. Lammiilee biyyatti waraansi abdii kutachiisef abdii ta'aniiru.
Gareen biyyaleessa kubbaa miilaa Suudan carraan miti walakkaa xumuraaf kan gahe. Ramaddii D biyyoota ciccimoo akka Seenegaalii fi Naayjeeriyaa of keessa qaburraa ga'umsa addaan nuusa xumuraaf gahani.
Tapha ramaddiin Naayjeeriyaa 4-0n injifachuun addunyaa ajab jechisiisani. Nuusa xumuraan biyyaa dorgomichaan tilmaama shaampiyoonummaa argatte Aljeeriyaa irra aananii tapha walakkaa xumuraa har'a Maadagaaskar waliin qabaniif gahani.
Taphataa garee biyyaleessa Gaanaa duraanii Kiweesii Appiyaan kan leenji'u gareen Biyyaalessa Suudan taphoota hanga ammatti taphateen goolii Lama qofa keessumeesse.
Bara 1970tti waancaa Afrikaa ofii isiitii qopheesite kan injifatte Suudan woltajjii guddaa kubbaa miilan walakkaa xumuraaf yoo geettu kan baranaa yeroo 3ffaafi.
Erga waraanii waliinii waggaa Lama dura ka'e akkuma gosa hojii bira kubbaan miilaa biyyatti sochiirra hin jiru.
Liigin biyyatti waggaa Lamaaf erga addaan citee booda Adoolessa darbe Kaartuum irraa fagaatee Istaadiyeemii xiqqaa naannoo Naayilitti eegalame. Liigichi osoo deebi'ee hin eegalamin kilaboonni gurguddoon biyyatti Lamaan Al Hilaalii fi Al Meerik liigii Moritaabiyarrtti hirmaata turani.

Taphatoonni waancaa Chaanin Suudan walakkaa xumuraaf geessisan hedduun isaanii garema Lamaan kana keessaa filatamani.
Dhugaa dubbachuuf carraaqqin taphattoota akkuma jirutti ta'ee hojiin leenjisaan garichaa Kiwueessii Appihaa taphattoota tokkomsuun miira wanti hunduu ni danda'amaa uumuu keessatti gahee olaanaa bahateera.
Appihaan yaadaa taphichaan dura kenneen ummannii Suudan hundinuu nu cinaa wanta jiruuf milkaa'insa kana caalu galmeesifna jedheera.
Seenaa isii keessatti Waancaa addunyaaf dabartee kan hin beekne Suudan gulaallii Waancaa addunyaa bara 2026n garuu ramaddii Bn tapha takkaa osoo hin moo'amin DR Koongootti aanun sadarkaa 2ffaa irraa jirtii.
Imallii gareen biyyaleessa Suudaan taasisa jiru kun ammoo ummata biyyatti Sabaa fi siyaasan qoqqoodame tokkomseera.
Injifannoo garichi Aljeeriyaa irratti galmeesise booda Jeneraal Abdul Fattaah Al Buraan dabalatee qamooleen siyaasaa biroo erga baga gammaddanii dabarsaniiru.
Taphni Walakkaa xumuraa Suudaanii fi Madagascar sa'aatii 11:30tti eegalama.
Nuuroo Amaanootu gabaase