Barbaaduu

Muhammad Saalan taphataa cimaa jedhamuun badhaafame

Aug 20, 2025

Taphataan sarara fuulduraa kilaba Liivarpuulii fi garee biyyaleessa Masrii Muhammad Saalan taphata cima waldaa taphattoota Pirofeeshinaala Ingilaand ta'uun badhafameera.
Dargaggeessi umrii 33 Muhammad Saalan bara dorgommii darbe goolii 29 lakkoofsisuun 18 mijeessee kennee shaampiyoonummaa Liivarpuul keessatti shoora olaanaa bahateera.
Bara darbe dorgommiilee hundarrattuu Astonvillaf taphoota 54 irratti goolii 14 kan lakkoofsise Moorgaan Roojersi ammoo taphata guddataa cimaa jedhamuun badhaafameera.
Gama dubartootaan taphattuun Arsenaalii fi garee biyyaleessa Ispeen Maaruwaanaa Kaaldenteen taphattuu cimtuu jedhamuun badhaafamte.
Filannoo garee cimaan ammoo Liivarpuul taphattoota Afur, Arsenaal ammoo taphattoota Sadii filachiisun dursummaa qabataniiru.
Garee biyyaleessa Ingilaand yeroo dheeraf kan leenjisee Sir Gaarez Saawuzgeetii fi leenjistuu garee dubartootaa Cheelsii kan turte Emaa Heyis gahee guddina kubbaa miilaa keessatti bahataniin badhaafamtoota addaa ta'aniiru.
Nuuroo Amaanootu gabaase