Waltajjiin marii ayyaana irreechaa bara kanaa ilaalchise Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee fi maanguddoota biyyaa hirmaachisuun magaalaa Bishooftuutti geggeeffamaa jira.
Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaa Jaamiilaa Sinbiruu,
ayyanni irreechaa dinagdee biyyaa keessatti gahee guddaa kan ba'atee fi qaroomina Oromoo addunyaatti kan mul'isedha jedhan.
Irreechaa bara kanaa adda kan godhu akka biyyatti injifannoo gurguddoon akka Hidha Haaromsaa wayita itti galmaa'ee fi gama haaromsa Aadaatiin hojiin guddaa wayita hojjatametti ta'uu ibsan .
Ayyaana Irreechaa bara kanaa kan durii caalaa karaa Aadaa, Duudhaa fi Tokkummaan isaa eegameen kabajamuu akka qabus adde jamiilaan dhaamaniiru.
Waltajjicha irratti Waraqaan qorannoo kabaja Ayyana irreechaa 2018 ilaalchishee dhihaachuun irratti mari'atamaa jira.