Komishiiniin Marii Biyyaalessaa lammiilee Itoophiyaa fi dhalattootaan Itoophiyaa ta’anii Emireetota Araba gamtoomanii jiraatan irraa ajandaa walitti qabuuf akka ta’e beeksise.
Komishinichi Fulbaana 10/2018 waltajjii miseensota hawaasa Diyaaspooraa Itoophiyaa Emireetota Araba Gamtoomanii jiraatan irraa ajandaa walitti qabuu fi hirmaattoota Yaa’ii Marii Biyyaalessaa filachuuf isa dandeessisu akka qopheessu beeksiseera.
Gareen jila Komishinarootaa Komishiinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaanotaa fi dhalootaan Itoophiyaa ta’anii Emireetota Araba Gamtoomanii fi naannoo ishee jiraatan wajjin ajandaa walitti qabuuf mari’achuu beeksiseera.