Barbaaduu

Dhimmoota biyyaalessaa irratti tokkummaan dhaabbachuu qabna

Sep 18, 2025

Dhimmoota biyyaalessaa irratti tokkummaan dhaabbachuu qabna jedhan Yuunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa fi qorataan Seenaa Dachasaa Abbabaa (PhD).
Hayyuun Seenaa kun turtii ETV waliin taasisaniin, Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa Guddicha lammiin Itoophiyaa kamiyyuu waan qabuun tumsuudhaan ijaare kana, wareegama hedduu booda kan dhugoome arguun milkaa’ina guddaa dha.
Hawaasa addunyaa biratti yaada "Ni jalqabu malee hin xumuran” jedhu kan jijjiire kan jedhan Dachasaa Abbabaa (PhD), kunis bu'aa guddaa ta'uu ibsaniiru.
Barsiisaa fi qorataan Seenaa kun akka jedhanitti biyyi guyyaa tokkotti hin ijaaramtu; dhaloonni tokko dhaloota biraatti dabarsuun qofaan otoo hin taane, gama xiinsammuutiinis ijaaramuu akka qabu ibsaniiru.
Dhimmoota biyyaalessaa irratti tokkummaan dhaabbachuun barbaachisaa ta’uu kan eerudhaan, ammallee pirojeektota gurguddoo yeroo ammaa hojjetamaa jiran waliin ta’uun xumuruu akka qaban himaniiru.