Barbaaduu

Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi xumuramee eebbifamuun dhimma hojii dippiloomaasiif hiikaan inni qabu ol’aanaa ta'uu Ministeerri dhimma alaa beeksise

Sep 18, 2025

Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi xumuramee eebbifamuun dhimma hojii dippiloomaasiif hiikaan inni qabu ol’aanaa ta'uu Ministeerri dhimma alaa beeksiseera.
Ministeerri Dhimma Alaa dhimma yeroo irratti ibsa Miidiyaaleef kenneera.
Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi wayita eebbifamu dureewwan biyyoota miseensa Kaaribiyaanii fi Gamtaa Afrikaa argamauun, tumsa isaanii kan ifatti mul'isee ta’uu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo himan.
Gama birootin Yaa’iin Jijjiirama Qilleensaa Finfinneetti taa'ame, akkaataa gaarummaa biyyattii agarsiisuun raawwatamuu Ambaasaaddar Nabiyaat eeraniiru.
Magaalli Finfinnee hirmaattota yaa’ichaa keessummeessuudhaan giddu galeessummaa Tuuriizimii ta'uu ishee mirkaneessiteetti jedhameera.
Haaluma wal fakkaatuun biyyoonni miseensa Kaaribiyaanis yaa’ii milkaa'aa Finfinneetti taa'uun xumuramuu Dubbii himtichi eeraniiru.
Saamsoon Balaayitu gabaase