Barbaaduu

Irreechi Hora Finfinnee Fulbaana 24 akkasumas Irreechi Hora Harsadee Fulbaana 25, 2018 kan kabajamu ta'uu Gamtaan Gumii Abbootii Gadaa beeksise

Sep 18, 2025

Irreechi Hora Finfinnee Fulbaana 24 akkasumas Irreechi Hora Harsadee Fulbaana 25, 2018 kan kabajamu ta'uu Gamtaan Gumii Abbootii Gadaa beeksiseera.
Ayyaana Irreechaa bara kana kabajamu ilaalchisee Gamtaan Gumii Abbootii Gadaa miidiyaaleef ibsa kennaneera.
Tokkummaan bahuudhaan karaa milkii qabuun akka kabajamu hawwii gaarii qabaachuu gamtichi ibseera.
Oromoonni biyya keessaa fi alaa jiran, sabaa fi sab-lammoonni biyyattii hundi ayyaana kana irratti akka hirmaatan waamichi darbeera.
Ayyaanni irreechaa Humna, Tokkummaa fi Aadaa Oromooti; namoonni hundinuu waliin ba'uun kan duraa caalaa bifa adda ta'een akka kabajatan Gamtaan Gumii Abbootii Gadaa Oromoo dhaameera.
Hawwii Taaffasaatu gabaasee