Barbaaduu

Kitaabni Mootummaa Ida’amuu kallattiiwwaan biyya ceesisan ifatti akeeka - Fitsum Asaffaa (PhD)

Sep 18, 2025

Kitaabni Mootummaa Ida’amuu kallattiiwwan biyya ceesisan ifatti kan akeekudha jedhan Ministirri Karooraa fi Misoomaa Fitsum Asaffaa (PhD).

Fitsum Asaffaa (PhD) kitaabani kun tajaajila mootummaa fi hawaasummaa fooyyessuuf furmaata of keessaa kan qabu ta'uus dubbataniiru.
Kitaabni kun karaawwan biyyattii ceesisuu danda'an saffisa, kalaqa fi utaalcha jechuun kitaabicha keessatti bal’inana ibsamera jedhan.
Imalli jijjiirama dijitaalaa biyyattii guddina bu’uura teeknooloojii cimsuu fi teeknooloojiiwwan haaraa bobbaasuun eegaluu akka qabu kitaabichi ifatti kaahuu eeran.
Dhaabbileen sirna hojii isaanii teeknooloojiidhaan haaromsuun, tajaajila toora interneetii irratti kennuun, waliin qindoominaan murteessaa ta’uus ibsaniiru.
Waggoota muraasa darban keessatti yaada Mootummaa Ida’amuutiin, magaalaadhaa hanga baadiyyaatti dameewwan adda addaatiin hojiirra ooluun jijjiirama qabatamaa hedduu fiduu isaas dubbatan.