Barbaaduu

Ayyaana Irreechaa duudhaa isaa eeguudhaan akka kabajamu gochuun, gumaacha damee tuuriizimii keessatti qabu guddisuun barbaachisaadha - Kantiibaa Adaanach Abeebee

Sep 29, 2025

Ayyaana Irreechaa duudhaa isaa eeguudhaan akka kabajamu gochuun, gumaacha damee tuuriizimii keessatti qabu guddisuun barbaachisaadha jedhan Kantibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanch Abeenee.
Kantibaa Adaanch, Irreechi duudhaa isaa eegee akka kabajamuuf hojiiwwan qophii duraa irratti Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee fi Hoggantoota ol'aanaa bulchiinsa magaalichaa waliin mari’ataniiru.
Ayyaanni Irreecha uummanni Oromoo uumaa isaa kan ittiin galateeffatu, ayyaana nageenyaa, araaraa, dhiifamaa fi obbolummaa dirreetti kabajamu ta’uu marii kan irratti ibsameera.
Irreechii ayyaana galii tuuriizimii guddaa argamsiisu waan ta'eef, dhaabbileen tajaajila kennan haalaan qophaahuu akka qabanis gaafataniiru.
Hojiileen Misooma Kooriidarii fi Qarqara Lageeniitti hojjetamaa jiran ayyaanota dirreetti kabajamaniif haala mijaataa uumuu Abbootiin Gadaa eeraniiru.
Ayyaani Irreechaa bara kanaa mata duree "Irreechi Bayyanachuu Biyyaatiif" jedhuun kabajama.