Barbaaduu

Raashiyaan hanga Qamadii gara Naayijeeriyaatti ergitu dhibbeentaa 6n dabaluu beeksiste

Oct 02, 2025

Raashiyaan hanga Qamadii gara Naayijeeriyaatti ergitu dhibbeentaa 6n dabaluu beeksiste

***************************

 

Raashiyaan hanga Qamadii gara Naayijeeriyaatti ergitu dhibbeentaa 6n dabaluu beeksiste.

 

Akka ibsi gabaasa ‘Agroexport’ biyyattiitti mul’isutti, Raashiyaan waggaa darbe keessa Qamadii toonii kuma 300 fi kuma 72 gara Naayijeeriyaatti kan ergite yoo ta’u, kan bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu toonii kuma 20n dabaleera.

 

Kan bara darbee wajjin walbira qabamee yoo il;aallamu, omishni Qamadii gara Naayijeeriyaatti galu toonii miiliyoona 1.2 akka caaluu fi kanaanis toonii miiliyoona  6.3 darbuun eerameera.

 

Ashuuraan fichisiistummaa yeroodhaaf gara zeerootti gadi bu’uun isaa fi fedhiin fayyadamtootaa dabaluunis himameera.

 

Kana keessaa Qamadiin toonii miiliyoona 1.4 dhiheessii Qamadii Raashiyaa ta’uu, Ispuutnik gabaaseera.

Yaada keessan as irratti barreessaa.

Oduu Walqabatee: