Barbaaduu

Pirezidaant Yoweerii Kaaguutaa Muuseeveenii waa'ee Ulaa Galaanaa maal jedhu?

Nov 12, 2025

Pirezidaant Yoweerii Kaaguutaa Muuseeveenii waa'ee Ulaa Galaanaa maal jedhu?

*************************

Dhimmi Ulaa Galaanaa kun nagaa fi tasgabbii Afrikaa Bahaa irratti dhiibbaa hamaa geessisuu akka danda’u Pirezidaantiin Ugaandaa Yoweerii Kaaguutaa Muuseeveenii akeekkachiisaniiru.

Waggoota 100tti siquuf biyya ollaa irratti hirkattee kan turte Ugaandaan, Ulaa Galaanaa dhabuun ishee dinagdee ishee irratti dhiibbaa guddaa uumaa jiraachuu Pirezidaant Yoweerii Muuseeveeniin eeraniiru.

Hirkattummaan kun ammoo nageenya naannichaa gaaga’uu kan danda’u dhimma yaaddeessaa ta’aa dhufe ta’uu hubachiisan.

Kana malees “biyyoonni Ulaa Galaanaa qaban dhuunfatanii ulaa kana qofaa isaanii to’achuu barbaaduun fayya qabeessa miti” jedhan Muuseeveeniin.

Ugaandaan bara 1900 irraa eegalee buufata doonii Keeniyaa Moombaasaa irratti hirkattee turte.

Kanarraa kan ka’e Ugaandaadhaan rakkoo dinagdee hamaan kan muudate yoo ta’u, guddinni waggaa biyyattii giddu galeessaan hir’ina dhibbeentaa1.5 akka muudatu taasiseera.

Ugaandaan sababa buufata doonii kana irratti hirkattuu taateef, gatiin meeshaalee fayyadamaa yeroodhaa gara yerootti akka dabalu taasiseera.

Kunis ala ergiin Ugaandaa gabaa addunyaa irratti dorgomaa akka hin taane gochuu isaati kan eerame.

Kana malees, Ugaandaan buufata doonii dhabuu fi Ulaa Galaanaa filannoo ta’e dhabuun ishee, tasgabbii dhabamuun siyaasaa biyyoota ollaa keessatti uummamu kallattiin biyyattii irratti dhiibbaa geessisuudha kan himame.

Keeniyaa keessatti filannoo A.L.A bara 2007/2008 filatame hordofee jeequmsi uummame, fageenya kiiloo meetira kumaatamaan lakkaawwamu irra kan argamtu Ugaandaa, dinagdee ishee miidhuu kan eegale ta’uun yaadannoo yeroo dhihooti.

Sababa jeequmsa Keeniyaatti uummame suniin daandii gurguddoon buufata doonii Mombaasaa fi Ugaandaa wal qunnamsiisan cufamuudhaan Konteenaroonni fi Konkolaataawwan boba’aa fe’an kumaatamaan lakkaawwaman buufata doonii fi daandii irra dhaabbatanii akka hafan taasiseera.

Jeequmsi ji’oota dheeraaf ture sun Ugaandaa keessatti hanqinni boba’aa fi meeshaalee barbaachisoo biroo akka uumamu taasisuu isaatiin, gatiin boba’aa fi meeshaalee barbaachisoo ta’an akka malee akka dabalu gochuudhaan  dinagdee biyyattii haalaan miidheera.

Taatee suniin booda Ugaandaan buufata doonii Mombaasaatiin dabalatatti buufata doonii Daaree Salaam (Taanzaaniyaa) akka daandii daldalaa filannoo biraatti fayyadamuu eegalte.

Haa ta’u malee jaarraa tokkoof buufata doonii Keeniyaa Moombaasaatti fayyadamaa kan turte Ugaandaan, dinagdeen ishee sababa hirkattummaa buufata dooniitiin jeeqamaa dhufuu isaatiin maallaqa ittiin dinagdee utubdu dhabuun ishee yaaddoo keessa ishee galchuutu himama.

Kanaafuu dhimmi Ulaa Galaanaa kun akkaataa obbolummaa Afrikaanotaa fi miira Paan Afrikaanummaatiin furamuu akka qabu yeroo adda addaatti ibsamaa tureera.

Dhimmi kun garuu jijjiiramni irratti mu;’achuu baatus, dubbiin kun karaa walii yaaduutiin hinfuramu taanaan, madda gaaga’amaa ta’uun isaa akka hinoolle Pirezidaant Muuseeveeniin eeraniiru.

Keessumaa biyyoonni Ulaa Galaanaa hinqabne, rakkoon isaan muudatu, bifa naannootti babal’achuu qabaachuun isaa waan hinoolle  jedhan.

Kun akka hin taaneef garuu, biyyoonni Ulaa galaanaa qaban qajeelfama tumsaa fi waliin badhaadhaauu hordofuun biyyoota Ulaa Galaanaa hinqabneef sarara Ulaa Galaatti ittiin deddeebi’an mijeessuu qabu jedhaniiru.

Waasihuun Tasfaayeetu gabaase