Barbaaduu

Aannee Maariyaa - Dubartii Jarman waggaa 60 oliif Oromiyaa keessatti hojii tola ooltummaa hojjette kana beektuu?

Nov 28, 2025

Aannee Maariyaa - Dubartii Jarman waggaa 60 oliif Oromiyaa keessatti hojii tola ooltummaa hojjette kana beektuu?  

******************************

Lixa Oromiyaa naannoo Calliyaa, Ayiraa fi Naqamtee fa'aatti namoonni baay'een Annemarii jedhanii waamu.

Hojii tola ooltummaa fi tajaajila hawaasaa uummataaf kennuudhaan hedduu beekamti.

Aannee Maariyaa Waaseloh walakkaa jaarraa oliif Oromiyaa keessatti hojii tola ooltummaa kanneen akka ogummaa waldhaansa fayyaa, keessumaa ammoo ogummaa deessisuu fi barnoota fayyaa kennuutiin hawaasa tajaajilaa turte.

Umurii ishee waggaa 97 jiraatte keessaa waggaa 60 ol Oromiyaa keessatti dabarsite.

Jireenya gaarii, haadhaa fi abbaa, obbolaa ishee dhiistee umurii dargagummaan Oromiyaa dhuftee hawaasa Oromoo tajaajiltu maatii godhatte.

Bara 1958itti Jarman, mandara xiqqoo Hermanisbargii kaatee gara Itoophiyaa, Lixa Oromiyaatti imalte.

Hawaasa Oromoo wajjin wal baruun, Afaan, Aadaa fi duudhaa hawaasichaa baruun yeroo isheetti hin fudhanne.

Hawaasi magaalas ta'ee baadiyaa tajaajila fayyaa argachuuf Aannee Maariyaa bira deemee egaa afaan maalinan itti dubbadha jedhee waan yaadda'u hin qabu ture; Afaan Oromoo akkuma afaan dhalootaa isheetti bareechitee dubbatti.

Hiibboo, mammaaksa, oduu durii, qixuma hawaasa keesa jiraattuu beekti.

Aannee Maariyaan har'a lubbuun hin jirtu. Torbanootaan dura umuriishee ganna 97tti Jarman, mandaruma itti dhalatee keessaa gara Oromiyaa deemtetti deebitee boqotte.

Odeeffannoon kan BBCti