Itoophiyaatti maatiin miliyoona 25 ta'an keessaa maatii miiliyoona 5.2 qofti tajaajila ibsaa akka argatan ragaan Tajaajila Elektirikii Itoophiyaa irraa argame ni mu’lisa.
Tajaajila Elektirikii Itoophiyaatti Daarektarri Olaanaa Adeemsaa fi Bulchiinsa Qulqullinaa Obbo Isubaalaw Xeenaaw turtii EBC FM Addis 97.1 waliin taasisaniin dhaabbatichi yeroo dheeraaf qabeenya maallaqaa gahaa dhabuu irraa kan ka’e pirojektoota haaraa akka barbaachisummaa isaatti hojjechuu akka hin dandeenye ibsaniiru.
Tajaajilli Elektirikii Itoophiyaa deeggarsa mootummaa irratti hirkataa ta’uun isaa jaarraa hedduuf bu’aa gaarii akka hin argamsiifne taasiseera jedhu Obbo Isubaalaw.
Bu’uuraaleen dabarsoo humna elektirikii waggoota 30 hanga 40 dura ijaaramanis hedduun akka jiran ibsaniiru.
Tajaajila Elektirikii irratti rakkoon hedduun akka jiru kan eeran Obbo Isubaalaw, kanneen furuuf tattaaffiin rifoormii adda addaa hojjetamaa akka ture yaadachiisaniiru.

Dhaabbatichi maallaqaan akka of danda’uuf rifoormiichi barbaachisaa ta’uus ibsaniiru.
Mootummaan damee kanaaf xiyyeeffannoo kennuudhaan hojjechaa akka jiru kan ibsan Obbo Isubaalaw, galii rifoormii kanarraa argamu adda durummaan hojiiwwan hawaasa fayyadamoo taasisan irratti akka oolus himaniiru.
Teeknoolojiiwwan ammayyaa fayyadamuuf faayinaansiin barbaachisaa waan ta’eef gama faayinaansii fi teeknoolojii haaromsichaa irratti xiyyeeffachuun hojii fooyya’aa hojjechuuf tattaaffiin taasifamuus eeraniiru.
Meeroon Nibratitu gabaase