Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa torbee daldalaa “Oomisha Itoophiyaa Bitadhaa 2ffaa” sadarkaa biyyaatti qophaa'e ilaalchisee ibsa midiyaaleef kenneera.
Torbeen daldalaa “Oomisha Itoophiyaa Bitadhaa 2ffaa”n Hagayya 24 - 29/2017tti kan turu ta’a
Torbeen daldalaa kun haala Oomisha biyya keessaa bituu fi gurguruu akkasumas fayyadamuu irratti ilaalcha jiru kan jijjiiru ta'uu Deetaan Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Abdulhaakim Muluu (Dr.) himaniiru.
Torbeen Daldalaa qophaa'e kun guddina itti fufiinsa qabu mirkaneessuun saaxilamummaa Dinagdee Alaa irratti hirkachuu xiqqeessuu, madaala daldala eeguu, Oomisha bakka bu'uu jajjabeessuu, al-ergii dabaluu, dhaabbilee oomisha biyya keessaa jajjabeessuuf, hanga galii biyyattiin sassabuu dabaluu fi faayidaa gam hawaas-dinagdee kan qabut ta’uu Abdulhaakim Muluu (Dr.) ibsaniru.
Sagantichi sirnoota sadii kan of keessa qabu yoo ta'u agarsiisaa fi egzibiishinii, marii paanaalii fi sirna beekamtii akkasumas badhaasa kan of keessa qabu ta'uun himameera.
Torbee Daldalaa “Oomisha Itoophiyaa Bitaa” kun karoora al-ergii biyyattiin qabatte doolaara biiliyoona 9.4 kan dhugoomsuu danda'u ta'uun ibsameera.
Saxxoo Tashoomaatu gabaase