Barbaaduu

Tajaajilli Geejiba Qilleensaa eegaluun lakkoofsa Daawwattoota Paarkii biyyoolessa Booranaa Niguddisa

Aug 28, 2025

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa Dilbata dhufurraa eegalee balallii gara Yaaballootti eegaluun Tuuristoota Paarkiin biyyoolessa Booranaa daawwataniif qooda olaanaa qabaachuun ibsame.
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa Hagayya 25 bara 2017gara Buufata Xiyyaaraa Yaaballootti torbanitti balallii guyyaa sadii taassisuuf qophii xumuruu beeksiseera.
Geejibni Qilleensaa eegaluun filannoowwan imala Daawwattootaa bal’isuun lakkoofsa isaanii akka guddisus Waardiin Paarkii biyyoolessaa Booranaa Nugusee Waataa TOI’f ibsaniiru.
Lakkoofsi Daawwattootaa dabaluun, Dinagdee Godinichaa guddisuu, Hawaasa fayyadamoo taassisuu fi misooma paarkichaa saffisiisuuf akka gargaaru ibsaniiru.
Daawwattonni gara Paarkichaa dhufanii fi Hawaasni Naannichaa Geejibni Qilleensaa akka jiraatu deddebi’uun gaafachaa turuusaanii yaadachuun, Dilbata dhufurraa eegalee gaaffichi qabatamaan deebi’uu hubachiisaniiru.
Paarkiin Biyoolessa Booranaa biyyoota ollaatti dhihoo waan ta’eef Daawwattoonni Hedduun Keeniyaa fi Taanzaaniyaarraa dhufan kan daawwatan ta’uu ibsaniiru.