Barbaaduu

Itoophiyaan Pirojektii Waggaatti Xaa’oo Meetrik Toonii Miiliyoona 3 Gahu Oomishuu ishee dandeessisu ifoomsite

Aug 28, 2025

Minitirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) Pirojektii Itoophiyaan Waggaatti Xaa’oo Meetrik Toonii Miiliyoona 3 Gahu Oomishuu ishee dandeessisu ifoomsan.
Ministirri Muummichaa ergaa toora marsaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa Itoophiyaa Invastmant Giruuppii fi Daangootee Giruuppi gidduutti gaheen warshaa kompileeksii xaa’oo oomishu dhaabuuf waliigalteen mallatteeffamuu eeraniiru.
Imala gara wabii nyaataa fi cehumsa qonnaa mirkaneessuuf taasifnuun milkii irra gahuu keenyaa Itoophiyaanonni hundi baga gammadne, jedhan MM Abiyyi Ahimad.
Pirojektichi doolaara biiliyoona 2.5 kan gaafatu ta’uu ibsanii, ijaarsi isaa yoo xumuramu waggaatti meetrik toonii hanga miiliyoona 3 gahu oomishuu danda’a jedhaniiru.
Kunis Itoophiyaa oomisha xaa’ootiin warra adda duree keessa tokko ishee akka taasisu ibsani.
Pirojektichi biyya keessatti carraa hojii kan uumuu fi qonnaan bultoota jabana hedduuf qorama turaniif dhiheessa xaa’oo kan mirkaneessuuf ta’uu ibsaniiru.
Kunis birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf murtoo jabaa fudhachuu keenya mul’isa jedhan.
Dorgomtummaa Itoophiyaan Ardii Afrikaa keessatti qabdu cimsuun invastimantoota ummata keenyaa fi egeree keenya fayyadan fiixa baasuuf ejjannoon nuti qabnu jabaa kan ibsuudhan jedhan.
Imala seenaa qabeessa jalqabneerra kan jedhan MM Abiyyi Ahimad (PhD) walii galtee har’a mallatteeffame hordofuun bakka warshichi dhaabbatutti pirojektichi ifatti kan jalqabu ta’uu ibsaniiru.
Qonnaan bultoota, dinagdee fi egeree Itoophiyaaf jecha pirojekticha ni xumurras jedhaniiru.