Minitirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) qonna irratti wabii nyaataa mirkaneessuu fi badhaadhina Itoophiyaa dhugoomsuuf hojii dinqisiisaa hojjechaa jiraachuun isaanii, hogganaa mul’ata qabu ta’uu isaaf ragaadha jedhan abbaan qabeenyaa lammii Naayijeeriyaa Aliikoo Daangooteen.
Daangooteen kana kan dubbatan waliigaltee kompileeksii oomisha xaa’oo Itoophiyaa Invastmant Giruuppii fi Daangootee Giruuppi gidduutti mallatteessan irratti.
Kompileeksiin kun xaa’oo hanga toonii miliyoona 3 oomishuuf dandeettii kan qabu ta’uu eeraniiru.
Hammi oomishaa kun fayyadama biyya keessaaf baay’ee akka ta’e kan ibsan yoo ta’u, pirojektichi hamma xaa’oo gareen Daangootee Naayijeeriyaa keessatti oomishaa jiruun kan walsimu ta’uus ibsaniiru.

Kunis pirojekticha warshaalee oomisha yuuriyaa addunyaa keessaa sadarkaa lammaffaa irratti akka argamu isa taasisa jedhaniiru.
Itoophiyaan gaazii uumamaa gahaa oomisha xaa’oof ta’u waan qabduuf pirojektii warshaa xaa’ootiif bakka gaarii ta’uu isheetis ibsaniiru.
Aliikoo Daangooteen pirojekticha dhugoomsuuf hoggansi Minitirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) kennan murteessaadha jedhan.
Lammii Taaddasaatu gabaase