Waltajjiin marii Komishiniin Marii Biyyoolessaa Itoophiyaan qophaa’e mata duree "Milkaa'ina Marii Biyyoolessaaf Gahee Hayyoota" jedhuun magaalaa Baahir Daaritti gaggeeffameera.
Waltajjicharratti hayyoonni yuunivarsiitii naannoo Amaaraa kudhan irraa dhufan hirmaataniiru.
Komishinarri Komishiinii Marii Biyyaaleessa Yoonaas Adaayyee (PhD), marii itti fufiinsa qabuun rakkoolee biyyaalessaa hiikuu keessatti hayyoonni dhaabbilee barnoota olaanoo gahee olaanaa akka qaban dubbataniiru.
Mariin garaagarummaa siyaasaa furuu, mootummaa fi ummata gidduutti wal amantee uumuu, sirna dimokiraasii cimsuu akkasumas walitti bu’iinsa furuu keessatti gahee olaanaa akka qabu Komishinar Yoonaas Adaaye (PhD) himaniiru.

Komishiniin marii biyyoolessaa marii qaama aadaa siyaasa Itoophiyaa akka ta’uuf hojjataa jira jedhan.
Milkaa’ina marii biyyaalessaatiif gaheen hayyootaa olaanaa waan ta’eef waltajjiin kun barbaachisaa ta’uu eeruun, gara fuulduraattis hayyoonni adeemsa marii kanarratti bal’inaan hirmaachuu akka qaban hubachiisaniiru.