Godina Walaayittaa Aanaa Kindoo Kooyishaatti guyyaa kaleessaa waaree booda roobni cimaan roobuu isaatiin sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota 3 darbuun himame.

Namoonni lubbuun isaanii darbe Naannoo Fincaawaa jedhamuutti osoo marga haamaa kan turan ta’uun ibsameera.
Itti gaafatamaan Biiroo Qonnaa Godinichaa Zamaachuu Soorsaa (PhD) balaa kanaan kan lubbuun isaanii darbe miseensoota maatii tokkoo akka ta’an ibsuun, hanga gabaasni kun qindeefametti reeffi dubartii tokkoo akka argame himaniiru.
reeffi namoota hafanii barbaadamaa akka jirus dubbatani.
Naannoon kun lolaa fi sigiga lafaaf saaxilamaa ta’uu kan ibsan Zamaachuu Soorsaa (PhD), jiraattonni naannoo kanaa roobani gannaa balaa dabalataa fiduu akka danda’u hubachuun of eeggannoo akka taasisan dhaamaniiru.
Tamasgan Tasfaayeetu gabaase