Barbaaduu

Warshaan kun baasii Itoophiyaan bittaa xaa'oof doolaara biliyoonaan lakkaa'amu baastu ni hambisa - Obbo Ahimad Shidee

Aug 28, 2025

Warshaan xaa’oo Itoophiyaan ijaaruuf walii galtee irra geesse baasii biyyattiin bittaa xaa'oof doolaara biliyoonaan lakkaa'amu baastu ni hambisa jedhan Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee.
Ministririchi waliigaltee warshaa xaa’oo oomishu ijaaruuf Giruuppii Invastmant Hooldingis Itoophiyaa fi Daangootee Giruuppi gidduutti mallattaa’e ilaalchisuun ibsa kennaniiru.
Ibsa isaaniinis, warshichi guddina dinagdee Itoophiyaa saffisiisuun, carraa hojii uumuu fi misooma bakka warshichi itti ijaaramuu dadammaqsuuf faayidaa olaanaa akka qabu dubbataniiru.
Warshaan kun xaa’oo oomishuu bira darbee damee qonnaa, albuudaa fi indastirii keessatti gahee olaanaa akka taphatu Obbo Ahimad hubachiisaniiru.
Warshichi xaa’oo oomishuun biyyaaf kan dhiyeessu yoo ta’u, gara fuulduraattis dandeettii isaa akkuma babal’achaa deemuun gara biyyoota birootti erguu ni danda’a jedhaniiru.
Damee qonnaaf deeggarsa guddaa kan taasisu warshaan kun Itoophiyaan naannichatti wiirtuu dhiyeessii xaa’oo taatee akka baatu kan gargaaru ta’uus eeraniiru.
Pirojektichi doolaara biiliyoona 2.5 kan gaafatu yoo ta’uu, warshaalee gurguddoo addunyaa keessaa tokko ta’e waggaatti hanga meetiriik toonii miiliyoon sadii ta’u oomishu danda’a.