Koontiijantiin Giddugala leenjii Huursoo loltoota leenjisaa ture yeroo 10ffaaf bakka hoggantoonni waraanaa olaanoo fi keessummoonni affeeraman biroo argamanitti eebbisiisaa jira.
Eebbifamtoonni kunneen leenjii waraanaa ga'umsa qabu sirnaan fudhachuun kan xumuran yoo ta’u hojii isaaniif kenname bu’a qabeessa ta’een raawwachuu akka danda’an ibsameera.

Miisteera ittisaatti hoogganaan qajeelcha olaanaa qabeenya namaa Letenaal Jeneraal Haaclaaluu Shallamaa, hoogganaan nagaa kabachiisuu itisaa Meejer jeneraal Addaamneh Mangistee fi hooggantoonni olaanoo ittisaa fi qondaaltonni sirna eebbaarratti argamaniiru.