Barbaaduu

Itoophiyaan qabeenya dilbii humna haaromfamaan qabdu misoomsuun Afriikaa bahaa elektiriikiin walitti hidhuuf hojjechaa jirti

Aug 30, 2025

Itoophiyaan qabeenya dilbii humna haaromfamaan qabdu misoomsuun Afriikaa bahaa elektiriikiin walitti hidhuuf hojjechaa akka jirtu ministirri bishaanii fi Inarjii injiinar Dr. Habtaamuu Ittafaa ibsan.
Itoophiyaan Afriikaa Bahaarra darbitee biyyoota biroo humna elektiriikiin walitti hidhuun kuusaa anniisaa Afriikaa ta’uuf galma keesse milkeessuuf qabeenya uumamaa qabdu faayidaarra oolchaa jirti.
Ministirri bishaanii fi Inarjii injiinar Dr. Habtaamuu Ittafaa turtii TOI waliin taasisaniin akka ibsanitti, Itiyoohiyaan dhiheessii anniisaaf bu’urri misoomaa hojjjechaa jirtu riijinicharra darbee biyyoota biroo akka fayyadu dubbataniiru.
Itoophiyaan jijjiiramaan booda keessumaa waggoottan shanan darban dhiheessii elektiriikii guddisuuf hojii bu’a qabeessa hojjechuushee eeraniiru.
Bu’uraaleen misoomaa ijaaramaa jiran Itoophiyaan riijinicha elektiriikiin walitti hidhuun adda duree akka taatu ishee taasisa jedhaniiru.
Hidha haaromsaa dabalatee Misoomni humna haaromfamaa hojjetamaa jiran isheerra darbee biyyoota ollaa walitti hidhuuf hojii eegalte kan saffisiisan ta’uu eeraniiru.
Keessumaa hojiin bu’uraalee misoomaa biyyoota ollaan walitti hidhan irratti xiyyeeffattee hojjechuunshee qaamolee hunda fayyadamoo akka fayyadu eeraniiru.
Itoophiyaan Keeniyaa, Jibutii, Sudaaniif anniisaa elektiriikii gurguruurra darbitee biyyoota biroo damee Kanaan walitti hidhuuf karroora qabatte milkeessuuf dhimmitee hojjecha akka jirtu beeksisaniiru.
Humni elektiriikii biyyoota biroo akka walgahu taasifamu humni elektiriikii guddina dinagdee biyyootaarratti jijjiirama fiduu akka dandeessisu eeraniiru.
Yeroo ammaa Itiyoophiyan carraaqqii riijinicha bu’uraalee misoomaa daandii fi elektiriikiin walitti hidhuuf taasiftu cimsitee akka ittifuftu mnistirichi mirkaneessaniiru.