Adeemsi hojii waliigalaa misooma Koriidarii yeroo dhufuuf abdii guddaa kan kennuudha jedhan Minitira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)
Misooma Koriidarii Marsaa tokkoffaatti koriidarii afuriin kan jalqabmee marsaa lammaffaatti koriidarii saddeet akka itti fufuu Minitira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) ibsaniiru.
Minitira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti akka ibsanitti,Hojii kooriidarii km 12.74 xumurame kan Giddugala Konveenshinii Addiis - Gooroo - Buufata Xiyyaaraa VIP jiru har'a daawwanneerra. Kooriidarii kanaan daandiin warra lafoo km 29 fi daandiin biskileetii km 15.27 hojjetameera.

Hojiin kooriidarii kun daandiiwwan konkolattotaa babal'aa, daandii haaraa Gooroodha hanga buufata xiyyaara jiruufi naannawaa kanneenitti misooma qarqara lageenii kan of keessatti haammatedha.
Giddugaleeyyii Ispoortii torba, bakkeewwan dhaabbii konkolaataa, bakkeewwan fe'isaa fi buusa taaksii fi atoobisii, kaaffeewwan, manneen fincaanii uummataa fi bakkeewwan tajaajila kennan kanbiroon kan keessatti argamanidha. Ijaarsiwwan kunneen hojii uumaniiru; qaqqabamuus babal'isuudhaan misooma bu'uraa magaalattii cimsaniiru.
Itoophiyaan damee hundaan jabaachuushee itti fufteetti. Adeemsi gara badhaadhinaatti taasifnu hin gufatu; hin dhaabatus. Bu'aan galmaa'e kun mul'ata addaa fi aadaa hojii haaraween dhugoomuusaatu hubatama. Hanga yoonaatti walakkaan magaalattii kan jijjiirame yoo ta'u, ammayyuu naannaawwaan jijjiiruuf dhimmamnee jirru ni jiru.