Odeeffannoon komunikeeshinii godina Giddugaleessa Gondar irraa argame akka agarsiisutti hidhattoonni filannoo nagaa fudhatan leenjii haaromsaaf Wiirtuu Leenjii Xadaa yeroof seenanii jiru.

Saganticha irratti Itti aanaan Komishinara Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa, Jeneraal Darribee Makuriyaaw, Itti Gaafatamaan Waajjira Damee Paartii Badhaadhinaa Naannoo Amaaraa, Yirgaa Sisaay, Itti Aanaa Ajajaa Lixaa, Jeneraal Waanyaw Alameenah fi hoggantoonni olaanoo naannichaa biroo argamaniiru.