Giddugalli Leenjii Loltummaa Birshalaqoo leenjitoota waraanaa marsaa 42ffaaf tooftaa waraanaa garagaraan leenjisaa ture eebbiseera.
Itti gaafatamaan kutaa barnootaa fi leenjii Raayyaa Ittisa Biyyaa Leetenaal Jeneraal Yimar Makonniin saganticharratti haasaa taasisaniin, Itoophiyaatti waraanni naamusa cimaadhaan hoogganamu, waraana cimaa, dandeettii waraanaa cimaa qabu akka ijaarame kaasanii jiru.

Humna ittisaa amanamaa ilaalcha paartii siyaasaa kamirraayyuu irra walaba ta’ee biyyaa fi ummata tajaajilu ijaaruun danda’ameras jedhan.
Ajajaan mana barumsichaa Koloneel Makonniin Mangistuu akka jedhanitti, dhaabbatichii abbaa biyyummaa biyya keenyaa fi nageenya ummata keenyaa eegsisuuf gumaacha olaanaa godheera.
Eebbifamtoonni har'aa beekumsa turtii isaanii keessatti argatanitti fayyadamuun miseensota waraanaa biroo waliin ta'uun rakkoo biyya keenya mudate salphisuuf akka hojjatan amantaa qaban ibsaniiru.