Kantiibaan Magaala Finfinnee Adaanach Abeebee har’a oduu gammachiisaa dabalataa magaalattiif kan ta’e misoomni Kooridarii Giddugala Konveenshinii Addis - Gooroo - Buufata Xiyyaaraa VIP jiru xumuramee tajaajilaaf banamuu ibsaniiru.
Kantiibittiin dabalataanis, abjuun keenya kan dhugoome guyyaa hunda, sa’aatii hunda akkasumas daqiiqaa hunda boqonnaa malee waan hojjenneefi jedhan.
Misoomni kooridarii kun akkuma kooridaroota biroo jiraattota keenyaaf carraa hojii bal’aa uumeera, kan jedhan Aaddee Adaanach, naannoo jireenyaa qulqulluu, magariisaa fi mijataa ta’e uume ta’uus himan.

Kooridarichi lafa hektaara 290 kan uwwise yoo ta’u, Kooridarii kiiloo meetira 12.74 dheeratu uwwise, daandii lafoo kiiloo meetirri 29 fi daandii biskileetti kiiloo meetira 15.27 kan hammate ta'uus ibsan.
Giddugaloota ispoortii torba, bakkeewwan dhaabbii konkolaataa, bakkeewwan fe'isaa fi buusa taaksii fi awtobisii, kaaffeewwan, manneen eeggannoo qulqullinaa fi bakkeewwan tajaajila kennan kan hammate ta'uu ibsaniiru.