Barbaaduu

Yeroon kun yeroo haaromsa Itoophiyaa waan ta'eef, hojii jalqabne milkiin xumuruuf nagaa waaraa mirkaneessuun barbaachisaa dha: Kantiibaa Adaanach Abeebee

Sep 01, 2025

Yeroon kun yeroo haaromsa Itoophiyaa waan ta’eef hojii jalqabne milkiin xumuruuf nagaa waaraa guddummaa Finfinneetiif malu mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen himaniiru.
Magaalichatti miseensonni Raayyaa Nageenyaa marsaa 5ffaa leenjii dirree fi tiyoorii fudhatan har’a eebbifamaniiru.
Kantiibaa Adaanach sirna eebbaa kanarratti akka jedhanitti, kanneen har’a eebbifaman dabalatee, bara 2013 irraa eegalee hojii tola ooltummaa irratti bobba’aa kan turan namoonni 275,000 ta’an nagaa magaalichaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa taphataniiru.
Itti dabaluunis, shirri badii baandotaa badhaadhina Itoophiyaaf dhimma hin qabne caraa akka hin argannee fi nageenyi keenya akka hin diigamneef dammaqinaan Eeguu qabna jedhaniiru.
Hoggantuun Biiroo Bulchiinsa Nagaa fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa gama isaaniin, humni nagaa eegsisu leenjii tiyoorii fi qabatamaa erga fudhatee booda bobbaafamee jiraattota magaalichaa hirmaachisuun nagaa fi nageenyaaf gumaacha taasisaa jira jedhaniiru.
Har’a miseensonni nageenyaa qaama Dhaabbata Nageenya Uummataa 11,000 ta’an bakka kantiibaa Adaanach Abeebee dabalatee qondaaltonni olaanoo mootummaa argamanitti eebbifamaniiru.