Barbaaduu

Godinni Booranaa boqonnaa haaraa irratti argama- Tamasgan Xurunaa

Sep 02, 2025

Ministira Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgan Xurunaa irra deddeebiin hongeen miidhamaa kan ture Godinni Booranaa boqonnaa haaraa irratti argama jedhan.
Obbo Tamasgan Xurunaa Naannoo Oromiyaa Godina Booranaatti hojiilee misoomaa garaagaraa kan daawwatan yoo ta’u godinichatti hongee irra deddeebiin mudatuuf furmaata waaraa kennuuf piroojektii Finnaan hidhawwan 14 ijaaramuu eeraniiru.
Hidhawwan kunneen hanqina bishaaniifi nyaata beelladaa horsiisee bultootaa furuu himaniiru.
Obbo Tamasgan Xurunaa ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, uummanni Booranaa hojii warreen kaaniif fakkeenya ta’u hojjechuus ibsan.
Yeroo ammaa horsiisee bultoonni Booranaa yaaddoo hongee akka hin qabne kaasanii, loowwan isaanii dirreerraa quufanii kan galan ta’uu fi godinichatti wanti hundi guutuu akka ta’e eeraniiru.
Hoggantoota sadarkaan jiraniifi uummata godinichaa hojii kana hojjetes galateeffataniiru.