Barbaaduu

Naannoo Oromiyaatti sektara qonnaa gama hundaan jijjiiruu fi ceesisuuf kutannoon hojjetamaa jira

Sep 02, 2025

Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa inisheetivoota garagaraa qopheessuun sektara qonnaa gama hundaan jijjiiruufi ceesisuuf kutannoon hojjechaa akka jiru Waajjiri Pirezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ibse.
Inisheetivoonni bocaman kunniin haala qilleensaa, biyyee fi ‘Agroegology’ naannoon keenya qabu bu’uureeffachuun kan qopha’aanidha.
Inisheetivoota kunniin keessaa inisheetiviin ‘Atoo-Boonsituu'fi inisheetivii ‘Loozii’ nicaqafamu. Omishni ‘Atoo-Boonsituu’ gosa midhaanii gabaa idil-adunyaa irratti baay’inaan barbaadaman keessaa tokkodha.
Bara omisha 2011/12, inisheetivii ‘Atoo-Boonsituu’ lafa hek. kuma 14 irratti qofa misoomaa kan ture yoota'u callaan argames kunt. kuma 252 kan hincaalle ture.
Haata'uutii sochii baldhaa taasifameen, waggaa 5ffaa isaatti, bara omishaa 2015/16 uwwisa keenya lafa hek. kuma 600 oliin gahuun callaa kunt. mil, 11 ol argachuu danda’amee ture.
Bara omishaa 2017/18’tti ammoo, milkaa’ina uwwisa lafaa dabaluu cinaatti, oomishtummaa fi qulqullina omishaa guddisuu irratti xiyyeeffachuun kan hojjetamaa jiru yoota’u, hidhata gabaa baldhaa umuu irrattis xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.
Gama inisheetivii Looziitiin ammoo, bara omisha 2011/12 lafa hek. kuma 62 hincaallen jalqabame. Waggoota jaha booda, bara omishaa 2016/17 hek. kuma 506 irraan gahuun kan danda’amee yoota’u, bara jalqabaa, callaa kunt. kuma 796 argamee ture.
Bara omishaa 2017/18’itti ammoo xiyyeeffannoo keenya qulqullina omishaa guddisuu, hidhata gabaa fi dhiyeessii galteewwan omishaa guddisan taasisuun socho'uu irratti argamna.
Akka waliigalaatti, Mootummaan Naannoo Oromiyaa tajaajila hawaas-dinagdee karaa mootummaa gandaa/araddaafi Giddugala Guddina Baadiyyaa (GGB) HAAROMEE irraatti mandheeffateen kennuun, inisheetivoota qoteefi horsiisee bulaa al-ergii cinaatti, gara omisha kurfeessuu (processing)’fi sona dabaluutti ceesisan hojiitti hiikuun, qonnaan bultoonni galii argatan akka qusataniifi inveestimantitti ce’aan gochuun, yeroo gabaabaa keessatti jiruufi jireenya ummata naannoo keenyaa hundeerraa jijjiiruu akkasumas galii sharafa biyya keenyaa daran guddisuu akka galma ittaanutti qabatee socho’aa jira
Odeeffannoon kan WPMNO