Barbaaduu

Haadha Bunaa fi Shaayii gurguruudhaan dafqa ishee Hidha Haaromsa Itoophiyaa Guddichaaf arjoomte

Sep 02, 2025

Aadde Warqinash Shukurii jedhamu, jiraattuu magaala Finfinnee, kutaa magaala Qiirqoos yoo ta’an Bunaa fi Shaayii daladaluu jiratu.
Waggoota 13 dura mootummaan ijaarsa Hidha Haaromsa Itoophiyaa Guddichaaf sagantaa uummatarraa galii walitti qabuu yeroo labse, xiiqii guddaadhaan Boondii akka bitatan dubbataniiru.
Aaddee Warqinash ofii isaanii qofa otoo hintaane hawaasni aanaa isaaniille boondii akka bitatan gochaa turu isaanii 'EBC Dotstream' tti himaniiru.
Biyya isaanii baayyee akka jaallatan kan dubbatan aadde Warqinash, haadha intala tokkooti.
Intala isaanii qophaadhuma kan guddisan aadde Warqinash, mootummaan baasii intala isaanii hunda danada’e akka barsiisaafii jiru himaniiru.
"Biyyi koo mucaa koo tola barsiisaa jirti; biyya kootiif qooda koo gumaachuun qaba" jechuudhaan, Boondii Hidha Haaromsaa Itoophiyaa Guddichaa ofiif bitachuudhaan namoota biroo kakaasuun akka bitatan gochuun ergama isaanii galmaan gahuun akka isaan boonse dubbatu.
Guutinsi bishaanii Hidha Haaromsaa marsaa jalqabaa milkaa’inaan xumuramuu isaa gaafa dhagahan, daandii irratti bahanii gammachuu isaanii akka ibsatan ni yaadatu.
Amma ijaarsi hidhichaa xumuramee eebbaaf qophaa'ee waan jiruuf "gammachuun koo dachaa ta'eera" jedhan aaddee Warqinash.
"Hidha Haaromsaatiif copha dafqa koo gumaachuu danda'uu kootti nan boona; intali koo jireenya gaarii akka qabaattu nan amana; kun madda gammachuu kooti" jedhan .
Ijaarsi Hidha Haaromsa Itoophiyaa Guddichi eegaluu irraa hanga xumuramuutti, lammiileen Itoophiyaa hundi, garaa garummaa malee, adeemsa galii walitti qabuu irratti hirmaachuu isaaniitti boonuus ibsaniiru.
Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi milkiin xumuramuun haadholii Itoophiyaatiif oduu guddaadha jedhuan aadde Warqinash.
"Hidhichi haadholii aaraa fi dukkana jalaa bilisa baasuuf dhufe" jedhaniiru.