Barbaaduu

Addunyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf waadaa galte hin raawwanne - Pirezidaant Taayyee Atsqa Sillaasee

Sep 03, 2025

Pirezidaant Taayyee Atsqa Sillaasee akka jedhanitti addunyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf waadaa Paarisitti galte waan hin raawwatiniif har'a rakkina guddaa keessa jirti.
Pirezidaant Taayyee Atsqa Sillaasee sirna baniinsa torbee jijjiirama qilleensaa UN 2ffaa Finfinneetti gaggeeffamaa jirurratti haasa’a taasisaniiru.
Yeroo ammaa kana addunyaan keenya jijjiirama qilleensaatiin haala sodaachisaa ta’een qoramaa jirti jedhan Pirezidaantichi.
Jijjiiramni qilleensaa jireenya jeeqaa jiraachuu kan himan Pirezdaant Taayyeen, jijjiiramni qilleensaa bu’uuraalee misoomaa murteessoo ta’an mancaasuun namoota hedduu gara beelaa fi buqqa’iinsaatti saaxilaa akka jiru kaasaniiru.
Waliigalteen Jijjiirama Qilleensaa Paariis erga gaggeeffamee waggaa 10 boodas addunyaan gara idileetti hin deebine kan jedhan Pirezidaantichi, Waliigalteen Paariis kan haqa galmaan gahuuf ture, dagatamee addunyaan ammallee rakkoo gadi fagoo keessa jirti jedhan.
Jijjiirama qilleensaa addunyaatiif gumaachi Afrikaan qabdu baayyee xiqqaa ta’us, rakkoo guddaan kan mudachaa jiru garuu ardii kana ta’uu hubachiisaniiru.
Dhugaa kana jijjiiruuf sochiin jijjiirama qilleensaa ittisuuf taasifamu guddina, carraa hojii uumuu, wabii nyaataa fi dhiyeessii anniisaa mirkaneessuu qaba jedhan Pirezidaant Taayyeen.