Barbaaduu

Itoophiyaa keessatti naannoowwan balaa sigiga lafaatiif saaxilaman isaan kami?

Sep 03, 2025

Inistiitiyuutiin Saayinsii Hawaa fi Ji’oospaashaal Itoophiyaa bal’ina lafa waliigalaa Itoophiyaa keessaa dhibbeentaa 45 kan ta’u balaa sigiga lafaa giddu galeessaa hanga ol'aanaatiif saaxilamaa ta’uu ibseera.
Daarektarri ol'aanaan inistiitiyuutichaa Abdiisaa Yilmaa turtii EBC waliin taasisaniin akka eeranitti, iddoowwa naannolee kibba Itoophiyaa, Oromiyaa fi Amaaraa keessa jiran sadarkaa ol'aanaadhaan sigiga lafaatiif saaxilamoodha.
Naannoowwan olka’iinsi isaanii sirrii galaanaa irraa meetira kuma 2 ol ta’an halii qileen isaanii badaa fi badadaree ta’an, keessattuu naannooleen digrii 25 ol ta’anii waggaatti rooba miiliiliitira 1,000 ol aragatan sigiga lafaattiif saaxilamaa akka ta’an eeraniiru.
Naannoleen godiin Goofaa fi Dabra Siinaas sigiga lafaatiif saaxilamoo ta’uu obbo Abdiisaan dubbataniiru.
Gama kaanii garuu naannoo Somaaleetti dachee jalli tasgabbaa’aa waan ta’eef, naannoowwan sigiga lafaatiif saaxilamoodha jedhamanii nama yaaddeessan keessa akka hintaane eeran.
Waqtti Gannaa kanatti bakkeewwan adda addaatti sigigni lafaa uumamuu kan himan obbo Abdiisaa Yilmaa, tarkaanfiiwwan dursanii ittisuutiif qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru.