Barbaaduu

Balaa Tiraafikaa miidhaa guddaa geessisaa jiru hir’isuuf mala qindoomina qabuun hojjetamuu qaba

Sep 03, 2025

Balaa Tiraafikaa namootaa fi qabeenya irratti miidhaa guddaa geessisaa jiru daraan hir’isuuf mala qindoomina qabuun hojjetamuu akka qabu ibsameera.
Tajaajilli Fandii Nageenya Daandii fi Inshuraansii qooda fudhattoota Federaalaa fi naannoo balaa Tiraafikaa hir’isuu keessatti hirmaannaa cimaa taasisaniif beekamtii kenneera.
Sagantaan beekamtii kun mata duree "Hin dagannu! Dura Nageenyaaf!!" jedhuun raawwatamaa jira.
Hogganaan Tajaajila Fandii Nageenya Daandii fi Inshuraansii obbo Jamaal Abbaasoo, balaa Tiraafikaa hir’isuuf hojiin hubannoo uumuu fi sirna ijaaruu hojjetameera jedhan.
Haa ta’u malee, lakkoofsi namoota balaa Tiraafikaatiin du’anii hir’achaa akka hin jirre hogganaan kun ibsaniiru.
Rakkinicha hir’isuuf mala qindoomina qabuun xiyyeeffanaan hojjetamuu qaba jedhan.
Dhaabbileen beekamtii qaban gama isaaniitiin, balaa Tiraafikaa balaa hamaa geessisuu kan Ittisuuf hojiin cimaan qaamota hundaan hojjetamuu qaba jedhaniiru.