Barbaaduu

Afrikaan jijjiirrama qilleensaatiin miidhamtuu qofa osoo hin taane, ardii furmaataati -Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)

Sep 08, 2025

Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD), Afrikaan jijjiirrama qilleensaatiin miidhamtuu qofa otoo hin taane, ardii furmaataa ta'uu ishee hubachiisan.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) ganama har’aa Yaa’iiJijjiirama Qilleensaa Afrikaa 2ffaa eegalchisaniiru.
Ashaaraa magariisaa, qonna haala qilleensaaf mijatu, akkasumas Hidha Haaromsa Itoophiyaa Guddicha kaasuudhaan hojii Itoophiyaan hojjechaa jirtu akka fakkeenyaatti eeraniiru.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) deeggarsi jijjirama qilleensaa gara invastimantiitti
jijjiiramuu akka qabu ibsuudhaan, 'Climate Innovation Compact' kan jedhamu bara 2030tti yaada furmaataa Afrikaan durfamu 1,000 kan kennu dhiheessaniiru.
Akkasumas dandeettii Afrikaan anniisaa haaromfamuu danda’uun, wabii nyaataan, eegumsa naannootiin hogganuu dandeessu kaasaniiru.
Dabalataanis Itoophiyaan Yaa’ii COP32 bara 2027 keessummeessuuf gaafii qabdu dhiheessaniiru.
Kun ammoo Itoophiyaa fi ardiin Afrikaa eegumsa jijjirama qilleensaatiin gahee adda durummaa akka qabaattu ishee taasisa jedhameera.